Tooftaalee Fedhii Dubbisaa Ittiin Cimsatan

Tooftaalee Fedhii Dubbisaa Ittiin Cimsatan:-

Utuu dubbisuu hin eegalin yaada kana qabaachuun ni barbaachisa.
Dubbisuuf ofitti amanamummaa guutuu qabaachuu.Yeroon dubbisaaf qabdu murtaa’aa akka ta’e beekuu Maaliif akka dubbiftu akkasumas maal irraa hubachuuf akka dubbiftu adda baaftee beekuu qabda.Tooftaalee Fedhii Dubbisaa Ittiin Cimsatan

Bu’aan dubbisuu adda addaa sadarkaa dubbisaa garaagaraa barbaada. 3R kan jedhamus: Tooftaalee Fedhii Dubbisaa Ittiin Cimsatan:
_Reading to Reveal
_Reading to Review
_Reading to Remind

Reading to Reveal – Xinxaluun Dubbisuu

Barsiisuu yookiin qo’achiisuuf dubbisuun – yaada waliigalaa fi tuqaalee barbaachisoo hubachuuf.
Madda adda addaa fi daataa hubachuun beekumsaa fi gaaffilee qopheessuuf akkasumas qormaataaf qophaa’uu.Tooftaalee Fedhii Dubbisaa Ittiin Cimsatan:

Akkaataa Dubbisaa (Reading Approach)

Barsiisuuf yookiin hubachiisuuf,
Yaada tokko tokko akka hubattuuf,
Wanta hubatte dhiheessuu fi
Marii adda addaa gaggeessuf

Reading to Review – Dubbisa irra deebi’uun sakatta’uu

Sadarkaa kanatti, beekumsa gadi fagoo akka hin barbaachifne, ariitiidhaan irra fiiguun sakatta’uudhaan yaada waliigalaa hubachuu fi yaaluun hubannoo barbaachisoo gonfachuun barsiisuu dandeessisan qabaachuun ni danda’ama.

Madda adda addaa fi daataa sakatta’uun yeroo kan fudhatu ta’ee, akkaataa dubbisaa baay’ee gadi fageenyaan dubbisuuf gargaarudha.
Erga barattee booda wanta siif gale irra deebitee ilaaluuf tooftaa gargaaru dha.

Akkaataa Dubbisaa (Reading Approach)

Wanta dubbifte sakatta’uu fi madda barbaachisoo hordofuu. Gosti dubbisa kanaa waan dubbifte salphaatti qabachuu, yeroo qusachuu, waan dubbifte irratti odeeffannoo gahaa akka qabaattuuf baay’ee barbaachisaa dha.

Reading to Remind – Yaadachuuf Dubbisuu

Yaadachuudhaaf dubbisuun wanta kana dura dubbiste caalatti akka hubattu taasisa. Fakkeenyaaf qormaataaf yeroo qophooftu tooftaa kana fayyadamta.

Akkaataa Dubbisaa (Reading Approach)

Akkaataa dubbisa sadarkaa kanaatti sirnaan itti kan fayyadamtu yoo ta’e wanta dubbiftu irratti hubannoo olaanaa fi mata duree biroo waliin wal bira qabdee ilaaluun yaada haaraa qopheessuu dandeessa.

Barattoonni baay’een karoora dubbisuu qopheessudhaan yeroo isaanii qoodanii itti fayyadamuuf gargaaramu.

Namni dubbisu mul’ata isaa qara godha. Jireenyi isaa dammaqaadha. Caalatti immoo dandeettii yaada haaraa maddisiisuu ni qabaata. Sababni isaa soorata sammuuf ta’u yeroo yeroodhaan waan fayyadamuuf hubannoon isaa guddataa adeema.

Namni kitaabilee dubbisu sadarkaa itti aanutti darbuuf tattaafata malee of duuba deebi’uuf yaalii hin godhu.
Hunduma caalatti abdii waan tokko fiixan baasuu qaba.
Yaada moo’ichaatiin guutamaa dha.
Wanta gaarii fi gorsa ajaa’ibaatu afaan isaa keessaa baha malee waanuma hin taane, dubbii gadhee, hamminas odeessaa hin oolu.
Jireenya jiraatu irraa waan hedduu barataa oola. Daandii kaleessa dhufe irraa waan hubatuun sakatta’iinsa isa har’aa fi mul’ata boruu mijeessa. Dhalootaaf galaa hin aloofne hiixata.

Ba’aa dhaloota irratti ta’a utuu hin taane ba’aa dhaloota irraa kaasa. Bu’aa buusa. Dhiibbaa qajeelaa uumudhaan kallattii milkaa’inaa duukaa akka namoonni hiriiran taasisa.
Daba karaa sirrii ta’ee fi akkaataa hunda biratti fudhatama qabuun sirreessa. Dhangaa nyaataa fi dhugaatii ta’uun dheebuu fi beela kaasa.

Egaa faayidaaleen kitaaba dubbisuu kallattiinis ta’ee al-kallattiin jireenya namaa milkeessuu akkasumas ogummaa barbaadan kamirrattiyyuu nama cimsuuf gahee olaanaa qaba.

Yeroo Hundumaa Kitaaba Filannee Dubbisuun:
Of nama barsiisa!
Arraba gabaabsa!
Afaan dhiphisa!
Sammuu bal’isa!
Wallaalaa beekaa godha!
Beekaa qara godha!
Keessa namaa haaressa! Quba namatti qabuu hir’isa!
Kan of bare immoo, ofiifis ta’ee hawaasa keessa jiraatuuf jal’isii ta’ee kan goge jiisaa, kan jiidhe immoo lalisiisa malee, lolaa ta’ee kan jiru balleesssuun abdii namaa hin golgoleessu.

Nama kitaabilee dubbisuu fi hin dubbifne gidduu garaagarummaa mul’ataatu jira.

Dubbisaan dubbii tola; hammi dubbatus faara tolaan namaa liqimfama. Dubbiin isaas akka damma daamuuti; dhaggeeffataan ‘dhaggeeffadhuu’ malee dhaggeeffachuuf dirqamama.
Dubbisaan waan dubbatu beeka, waan beeku dubbachuufis sodaan hin mo’atamu!
Kitaaba akka dubbiftuuf gorfamte hunda baafata baafataan dubbifta utuu hin taane, dubbisuu kan qabduu fi hojii kee keessatti kan si qajeelchan filachuun dubbisuun beekumsa irraa argachuu maltu gonfachuu si barbaachisa.

Kitaabilee tarreeffaman keessaa adda baafachuu hin sodaatin! Kitaabni tokko tokko dubbisuuf kitaabilee kaan caalaa salphaa fi mijatoo dha. Addaan baasuudhaan yaada kitaabichaa yaada kitaaba biroo waliin wal bira qabii ilaali! Garaagarummaan dubbisaa fi ciminni jechoota kitaabicha keessatti barreeffamanii yoo jiraate kitaaba kan biraa baay’ee mijatoo ta’an dubbisuu dandeessa. Haala kanaan dandeettii kitaaba adda baafachuu fi mijatoo ta’an filachuun dubbisuuf qophaa’aa ta’uu keetii ni cimsatta.

Tarii yaadaa fi hubannoo kee kan caalatti baldhifachuu dandeessu fakkeenyaaf karaa fakkii fi giraafiitiin ta’uu danda’a. Akkasumallee gosa barreeffama kitaaba kanaa jaalachuu dandeessa. Jaalachuun kee dogoggora homaa hin qabu. Wanti baay’ee barbaachisaan garuu karaa sitti toleen yaada isaa hubachuu, itti hirmaachuu fi gochaan agarsiisuu dha.

Sababa dubbistuuf sirriitti adda baaftee yoo beekte, akkasumas faayidaan dubbisa irraa argachuu maltu maal akka ta’e irratti xiyyeeffachuun dubbisa yoo eegalte, kitaaba barbaachisoo siif ta’anii fi hojii guyyaa guyyaa keetii qajeelinaan gaggeessuuf si gargaaran adda baaftee dubbisuu fi madda sirrii ta’ee odeeffannoo gahaa ta’e waliin argachuu dandeessa.

Interneetiin barreeffamaa fi odeeffannoo gosa barbaaddee fi madda waan irratti dubbisuu barbaaddee filattee dubbisuuf meeshaa baay’ee barbaachisaa ta’ee dha!Torbanitti si’a tokko wanta dubbisuuf baay’ee si gammachiisu bituu yaali!
Barreeffama nama kofalchiisu, gaazexaa yookiin wanta biraa. Dubbisi! Jaaladhu! Yoo nuffite dhaabi!
Wanta ati dubbisuu filatte hiriyyoonni kee akka dubbisan taasisi! Waan dubbifte irratti waliin haasa’aa! Waan dubbisuu qabdu fiixan baasuuf of qopheessi! Daqiiqaa dubbisuuf qabatte qofa dubbisi! Akkasumas waan dubbiftu waliin hirmaannaa gaarii qabaadhu!Link Telegram channel armaan gadii kanaan kitaaboota hedduu afaanoota adda addaan bifa softcopy argachuu ni dandeessu.

Gaafa dubbisuu eegaltu beektaa, jalqaba ofuma keef tasgabbii horattaa, suuta suutaan haalota xixiqqoo naannoo keetii nagaa si dhoowwan dagattee sammuu nagaa argachuu eegalta. Gaafa dubbisuu eegaltu beektaa, miira gad aantummaa si keessa jiru bakka bu’ee isaa dhabda.

Gaafa dubbisuu eegaltu beektaa, addunyaa sammuu kee isa haaraa keessa jiraachuu eegalta. Gaafa dubbisuu eegaltu, addunyaa keessa jirtu raajeffachuu eegalta. Gaafa dubbisuu eegaltu beektaa, eenyummaa keef, namummaa keetti gatii jabaa laachuu eegalta.

Gaafa dubbisuu eegaltu beektaa, sammuun kee dammaqee yaaduu, xiinxaluu fagoo imaluu…socho’uu, furmaata fiduu, qoratee baruu, balleessuurra tolchuu, dabuurra arjoomuu, gaarii hojjechuu, jibbuurra jaalala tiksuu eegala. Fayidaa balleessuun qabuuf tolchuun fidu, bu’aa lamaan gidduu jiru hubatta. Gaarummaa filatta.

Gaafa dubbisuu eegaltu beektaa, waan gaaffii sitti ta’uuf deebii argachaa gaaffii hedduummoo uumta?

Gaafa dubbisuu eegaltu, amala namootaa, fi garaagarummaa yaadaaf ilaalcha namaa, hubannaa dhala namaafi eenyummaa dhala namaa baruu eegalta. Namni hundi akka kee akka hin taaneef uumamni hundi namummaa isaatiin ala, dachaa fagoo waan sirraa adda taasisu qabaachuu isaa barta. Akkuma sammuu isa qoratee barreessee atis qorattee baruu, barreessuu feeta.

Jireenya kee gammachuu, boqonnaa sooraa jiraatta. Dandeettii keef, bakka gahumsa kee isa si jalaa dhokatee argachuu eegalta. Naannoo keef namoota naannoo kee jiraniif fakkeenya ta’uu eegalta. Jijjiirama fiduu jalqabda. Aboo itti fufa…..