Dandeettii Barbaachisoo Caasaa Buufata fayya Sadarkaa A fi B Mana Hojii Kessatti
Ramaddii Hojjetaa Ulaagaalee Barbaachisaa Hin Guunne
1) Hojjetaan ulaagaalee barbaachisoo sadarkaa gita hojiitiif kaa’aman kallattiin guutee dorgomuun ramaddii argachuu hin dandeenye yoo qunname, akkaataa armaan gadiitti walduraa duubaan ibsamaniin ramaddiin kan kennamuuf yookiin furmaata kan argatu ta’a.
Hojjetaan gita hojii irratti dorgomee sadarkaa fi gosa barnootaa barbaadamuun guutee, muuxannoon hojii waggaa tokko yookiin waggaa tokkoo gadi kan isa hanqate yoo ta’ee fi hojjetaan biraa ulaagalee dandeettiiwwan gita hojichaaf barbaadamu guutee ramadamuu danda’u kan hin jirre yoo ta’e, hojjeticha eeggataan ramaduudhaan hojjechiisuu fi muuxannoo hojii isa hanqate yeroo guute yookiin yeroo eeggataa isaa xumure dorgommii dabalataa malee gita hojichaa qabatee itti fufuu fi murtii Biirichaa fi qaama dhimmi ilaaluun darbu irratti hundaa’ee faayidaa sadarkaa gita hojichaatiif murtaa’e argachuu ni danda’a.
Odeeffanno Dabalataatif Links kana Irraa dubbisi Click here
