Dhimmi: Ulaagaa dorgommii Caasaa Dabalataa Inshuraansii fayyaa Erguu ilaala:
Akkuma mata duree irratti ibsamuuf yaalamee BFO qajeelfama yaalii puulii Ishuraansii Fayyaa
hawaasaa lakk 13/2013 ba’e bu’uura godhachuun, xalayaa lakk.BFO/GO-18/995 guyyaa 18/2/2015 bahii ta’een caasaan dabalataa eeyyamamee isiniif ergamuun isaa ni yaadatama.
Bu’uurumaa kanan ulaagaan Dorgomii caasaa dabalataa inshuraansii fayyaa gama Biiroo
Publicis services fi Misooma qabeenya Namaa Oromoyaatiin qophaa’e xalayaa lakk. BPMQNM/WG1-1/15/185 tiin guyyaa 05/05/2015 nu gaheen ulaagalee barboochiisoo ta’aan
kanan rahttps://mustefamarket.commiddiin akka gaggeeffamu eeyyamamee jira.
Haaluma kanan dhaabbileen fayyaa armaan olii hunduu Qophii barnootaa fi muuxannoo hojii ulagaalee rammaddii kanaan qoratamee isin ergame giddu- galeessaa godhachun ramaddii
raawwaachuu akka dandeessaan isin beeksisna.
Qajeelfama Haala Ramaddii Hojjettootaa Manneen Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Murteessuuf Bahe
Qajeelfama Lakk. 11/2011
Qajeelfama Haala Ramaddii Hojjettootaa Manneen Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Murteessuuf Bahe
Qorannoo gahumsaa fi bu’a qabeessummaa manneen hojii Mootummaa Naannichaa irratti
gaggeeffame bu’uura godhachuun hojjettoota mootummaa gahumsa, naamusa gaarii fi
dandeettii qaban ramaduun barbaachisaa ta’ee waan argameef;
Gurmaa’insa manneen hojii naannichaa bifa haaraan qoratame irratti hundaa’uun ulaagaalee
ramaddii hojjettotaa haala ifaa fi loogii irraa bilisa ta’een ramaddii hojjettootaa raawwachuuf
hojimaata iftoomina qabu diriirsuun barbaachisaa ta’ee waan argameef;
Akkaataa Labsii Lak. 215/2011 keewwata 11 (3) fi Dambii Lak. 131/2003 keewwata 45 tiin
Qajeelfamni kanatti aanu bahee jira.