Amaloota Namoota Milkaawanii 7 ( Steven Kovey)

Amaloota Namoota Milkaawanii 7 ( Steven Kovey)

JIREENYA KEESSANIIF HEDDUU ISIN FAYYADA.

•Akka hayyuu xiinsammuu Steevan Koovey kitaaba isaa ‘ The Seven Habits of Highly Effective People’ keessatti barreessetti namoonni jiruufi hojii isaanii keessatti milkaayan amaloota tokko isaan godhu torba qabu.

myself

Amaloonni kunneen qorannaaf qo’annaa bara dheeraatin booda kan argamaniidha. Kitaabni kuni akka addunyaatti kan garmalee dubbifamee keessaa isa tokko. Nutis gabaabumatti isiniif dhiyeessineera. AmalootaTorban

  1. Be Proactive ~ Nama Dursee Yaadu, osoo rakkoon tokko hin dhalatiniin duratti nama itti qophaayu ta’uu.

Waan fagoodhaa namatti as deemaa jiru lafuma jala tilmaamudhaan itti qophaa’uu.

2, Begin with the end in mind ~ Waan tokko wayta eegalan kaayyoo dhumaa sammuu keessatti qabaachuu, waan hunda dura mul’ata isa dhumaatif xiyyeeffannaa guddaa kennuu.

Gufuulee xixinnoo nama mudataniin sakaalamuu osoo hin ta’in kaayyoo keenya bira gahuuf kaayyeffanne sana yaadachuun jabaachuu.

3, Put first things first ~ Waan dursuu qabu dursuu.
Waan hunda altokkotti galmaan gahuun waan hin danda’amneef wanta dursa kennuufii qabnu dura hojjachuu.

4, Think Win Win ~ Hariiroo namoota waliin qabnu keessatti gareen lameenuu haala itti injifatu irratti xiyyeeffachuu.
Ofuma qofaaf milkaayuufi gammaduu osoo hin ta’in namoonni kan biroos akka gammadan yookin akka sababa keenyaan miidhaan irra hin geenye yaalii godhuu.

5, Seek First to understand and then to beunderstood ~ Namoonni maalif na hin hubanne jechuudhaan duratti namoota hubachuudhaaf yaaluu.

6, Synergize ~ Wantoota hojjannu keessatti waan qabnu hunda, yeroo, dandeettii, maallaqa keenya
wal dandeessisuu; keessattuu akka dhaaba tokkootti yookii waajjira tokkootti yoo sochoonu wantoota qabnu wal simsiisnee hojjachuu.

7, Sharpen the Saw ~ Ilaalcha keenya qaruu. Waan tokko akkaataa sirrii ta’een hubachuuf yaaluudha.

Eegaa kana fakkaata, Waan kana irraa waan guddaa akka hubattan abdiin qaba.

Reads More